ONM-ABO Waxabajji 26, 2023
Ajjeechaan sanyummaa fi gochi gara jabinaa guyyaa gara guyyaatti qe’ee uummata Oromoo keessatti saba tokko qofaa irratti xiyyeeffachuun finxaaleyyii Amaaraatiin raawwatamaa jiru gocha duguuggaa sanyii fi Oromoo akkasumas Oromummaa hundeen balleessuuf carraaqqii isaan taasisaa jiraniidha.
Warreen jiraachuu uummata Oromoo hin feene, finxaaleyyiin Amaaraa qe’ee uummata Oromoo keessatti gadda irratti gadda dhalchuun, godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti dargaggoo Oromoo tokko ajjeesan.
Jimaata darbe Waxabajji 23, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Kiramuu ganda Caffee Soorumaa bakka adda Cabbii jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Amanuu Dabalaa jedhamu finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman ajjeesuu maddeen himan.
Hidhattootni kun aanaa Kiiramuu gandoota garaagaraa keessatti ajjeechaa suukanneessaa, saamicha qabeenyaa fi manneen jiraattota gubanii barbadeessuu kan duraa caalaa jabeessanii jiraachuu maddeen dabaluun ONMtti himan.

