ONM-ABO Waxabajji 26, 2023
Waxabajji 23, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Dikii fi Xulee keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa hedduu badii tokko malee qabanii jiru.
Namoota ganda Xuleetii qabaman keessaa kan maqaa arganne; Caalaa Fayyeera, Taaddalaa Dajanee, Fayyeeraa Dirribsaa, Tarreessaa Fayyeera Dirribsaa, Galaana Atoomsaa, Dabalaa Rattaa, Abbuu Shunaa, Abdii Guddataa fi Geetaachoo Dhaabaati.
Namoota reebaman keessaa Tashaalaa kafanii reebicha hamaa irraan gahuun ilkaan hedduu irraa kan caccabsan yoo ta’u, obboo Jifaaraa Boronjii abbaa ijoollee lamaa kan ta’e irraa WBO waliin hariiroo qabda jechuun daandii konkolaata irratti ajjeesuun reeffa dhorkachuun erga tokko ala bulee Waxabajjii 24 kadhatanii fudhachuun awwaalan.
Aanaadhuma Amboo ganda Ganjii Gooroo Horee bakka addaa Shaambaatti waxabajji 19, 2023 maatii tokko keessaa nama afur ajjeesuunii fi namootuma arfan ajjeefaman kana jalaa Caamsaa 1, 2022 manaa fi qabeenya isaanii waraanni faashistii PP abiddaan jalaa barbadeessuu isaanii gabaasnee turre.









