ONM-ABO Waxabajji 27, 2023
Murni hidhaa, ajjeechaa fi saamicha tooftaa waraanaa godhachuun uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru, namoota nagaa badii isaanii malee hidhuu itti fufuun godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti barsiisaa tokko hidhuun beekame.
Kaleessa Waxabajji 26, 2023 waraanni faashistii PP barsiisaa mana barumsaa Waliif sadarkaa 1ffaa Abdallaa Yaasin Taasisaa jedhamu bakka hojii isaa magaalaa Naqamtee ganda 03 keessaa qabuun hidhanii jiru.
Barsiisaa Abdallaa Yaasin nama nagaa fi ogummaa barsiisummaa qabuun barattoota dhaloota egeree qaruu irratti kutannoo cimaan kan hojjetu akkasumas hawaasa mana barumsaan kan jaal’atamuu dha.
Haa ta’u malee waraanni faashistii PP kan ilmaan Oromoo jireenya bir’annaa akka jiraatan taasisaa jiru, gabatee hojii isaa irraa waraqaa mana murtii tokko malee qabanii deemuun mana hiraarsaa dhoksaa Masaraa Kumsaa Morodaatti hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





