• Wed. Nov 25th, 2026

Aanaa Aqaaqii keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa reebaa jiraachuun barame

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhiyoo kan taate Aqaaqiin qonnaan bultootni Oromoo babal’achuu magaalaa Finfinneen dhiibamanii moggaatti galanis achittis miidhaa dinagdee dhabuun irra ga’uun cinatti Oromummaa isaaniin yakkamuun hidhamuu, reebamuu fi ajjeefamuun hiree ta’eefii jira.

Haaluma kanaan kaleessa Waxabajji 27, 2023 aanaa Aqaaqii ganda Odaa fi Kattichaa keessatti waraanni faashistii PP ganama irraa kaasuun Gaara Kattichaa jedhamu qubachun uummata shororkeessaa turan.

Loltootni PP walakkaan ammoo ooyiruu qonnaan bultootaa keessa deemuun namoota baay’ee irratti reebicha geggeessanii jiru.

Qonnaan bultoota reebicha waraana bilxiginnaan miidhaman keessaa muraasni; Obbo Girmaa Kabbadaa Maatiin mana yaalaatti geessaniin,  obbo Birraa Nagaash, Naccoo Tufaa, maatii obbo Badhoo Mangashaa namoota 7 dabalatee qote bulaa ooyiru keessa olii fi  gadi ari’uun akka ganda Odaa Kattichaatti uummatni akka sochii dhaabu taasisanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply