• Tue. Nov 24th, 2026

Ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’aan sirnicha ganuun WBOtti harka kennachuu itti fufan

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Oromiyaa golee mara keessatti  ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’aan sirnicha ganuun gara WBOtti harka kennachaa jiru.

Sirni cubbuun guutame bilxiginnaan dargaggoota abdii egeree ta’aan barcuma aangoo isaa dheereffachuuf jecha dirqiin adda waraanaatti ergee ficcisiisaa kan ture yoo ta’u,  isaanuma keessaa warreen shira bilxiginnaa kana hubatan gara moonaa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan ilmaan Oromoo osoo hin beekin sirnicha tajaajilaa turuun amma ammoo carraa argatanitti fayyadamuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman kun godina Gujii lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa mooraa ganda Dogoo Magaadaa irraati.
Miseensotni waraana bilxiginnaa kaleessa Waxabajji 27, 2023 harka kennatan lamaan kun, qawwee AKM 2, rasaasa 480 fi boombii 4 qabachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamanii jiru.

Miseensotni lameen kun akka jedhanitti nuti jalqabas fedhii keenya miti, hojii dhuunfaa keenyaa osoo hojjachaa jirru dirqamaan nu qaban  jechuun, qabsoo waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru qabsoo Oromoo Bilisoomsuu fi Walaboomsuu waan ta’eef saba keenyatti dhukaasuu irra saba keenyaaf dhukaasuu qabna jechuun akka mooraa diinaa keessaa ba’aan dubbataniiru.

Leave a Reply