• Tue. Nov 24th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP maanguddoo Oromoo tokko qabuun achi buutee dhabamsiisan

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Ilmaan Oromoo impaayerattii keessatti wabii lubbuun jiraachuu dhabuun hidhattoota garee maafi’aa PP Abiy Ahimediin bobbaafamaniin Oromummaa isaaniin yakkamuun achi buutee dhabamsiifamaa oolu.

Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti maanguddoo Baareentoo Ahimed jedhamu torbee darbe mana isaatii halkan keessaa sa’a 5:00 tti qabuun achi buutee dhabamsiisanii jiru jedhu maddeen magaalichaa.

Maanguddoo Baareentoon abbaa maatii 10 yoo ta’u, kanaan duras Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun waggaa tokkoo oliif akka hidhamee ba’e dabaluun dubbatu.

Maanguddoon kun nama hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun  jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu akkasumas hawaasa ollaa isaa biratti jaalatamaa fi kabajamaa akka ta’e dubbachuun waanuma sabboonummaa qabuuf kanaan duras hidhanii kan turanii fi ammas deebi’anii qabuun torban tokkoo oliif eessa akka jiru hin beekamin jirus jedhaniiru.

Yeroo ammaa maatiin torban tokkoo oliif barbaadanii akka hin argannee fi du’uu fi jiraachuu isaanii osoo hin beekin akka jiranillee barameera.

Leave a Reply