• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa maqaa qawwee bitanna jedhuun uummata irra maallaqa saamaa jiraachuun beekame

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Yeroo hedduu tooftaa ittiin uummata saaman baafachuun kaabinoonni murna bilxiginnaa waraana of fuuldura qabuun saamicha uummata irratti raawwataa jiran jabeessanii itti fufanii jiru.

Jidduu kana ammoo Lixa Harargee  aanaa Odaa Bultum naannoo Ilfataa ganda 32 jedhamu keessatti maqaa Qawwee bitanna jedhuun uummata irraa dirqamaan qarshii 700 akka kaffalan itti murteessanii jiru jechuun maddeen aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen kun jedhanittis namuu maallaqa jedhame kana yeroo jedhametti hin kaffalu taanaan inni  nama sirnicha mormu waan ta’eef, tarkaanfii jabaatu irratti fudhatama jechuun doorsiisaa jirus jedhaniiru.

Uummanni naannichaa yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa akka jiran maddeen kun himuun maallaqa yeroo yerootti sababa adda addaan kaffalan kana nuffuun gumgummii jabaa uumanii jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply