• Sun. Nov 22nd, 2026

Waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti uggura sochii kaa’uun tajaajila konkolaataa dhaabuun barame

Jun 28, 2023

ONM-ABO Waxabajji 28, 2023

Sirni qarree kufaatii irra ga’e bilxiginnaan ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa uummata nagaa irratti geggeessuun cinatti hawaasni dhimma isaanii yeroo danda’aanitti akka hin tajaajilamne sochii ugguruun rakkoo uumuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan dheengadda galgala Waxabajji 26, 2023 irraa eegaluun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti uggura sochii geejjibaa fi namaa galgala sa’a 12:00 irraa qabanii kaa’uun uummatni rakkoo keessa akka galu taasisanii jiru.

Uggura kanaan konkolaataa, baajaajii fi doqdoqqeen kamuu daandii magaalaa Buraayyuu irraa akka hin deemne dhorkuu fi namoota sa’a sana booda daandii gubbaa irratti argan reebuunis beekame.

Kana malees sa’a 12:00 irraa qabuun dukkaanotni fi manneen daldalaa garaagaraas cufamuun namootni hojii humnaa keessa oolanii galan waan ittiin bulan bitatanii fayyadamuuf rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply