ONM-ABO Waxabajjii 30, 2023
Tiksitoonni Impaayera Itoopiyaa bulchiinsa harka isaanii jiru da’oo godhatanii fi maqaa badhaadhinaan of moggaasan guyyaa hundaa dhiiga lammiiwwan nagaa halkanii fi guyyaa osoo hin jedhin dhangalaasuu kan duraa irra daran hammeessanii jiru.
Haaluma kanaan Waxabajjii 26, 2023 waraanni murna bilxigginnaa maqaa sakkatta’insa jedhuun godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii magaalaa Biilaa irraa ganda Inimaayii Bollittiitti bobba’an obboloota lamaan kan maqaan isaanii Amantii Waaqtolaa Goondee, Abbayyaa Goondee fi qotee Bulaa kan ta’e obbo Takilee Gammachuu Garbii jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessan.
Itti dabaluunis kaleessa Waxabajjii 29, 2023 maanguddoo maqaan isaanii obbo Olaanaa Fufaa jedhaman magaalaa Biilaa ganda 02 kan ta’an yoo ta’u, yeroo gabaaasni kun qindaa’etti reeffa maatii dhorkachuun bakkeetti eegaa turan.
Namoonni waraana kanaan ajjeefaman kunneen siyaasa kam irraa iyyuu namoota walaba ta’an, barattootaa fi qonnaan bultoota ta’uu maddeen himuun, gochi sukkanneessaan kun waraana faashistii PP’n irra deddeebiin raawwatamuu fi haleellaan diroonii magaalaa Biilaatti baatii Sadaasa 2022 geggeeffameenis namootni 100 ol ajjeeffamuun ni yaadatama.


