• Sat. Mar 14th, 2026

Mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti waraanni faashistii PP saboota biroo waliin ta’uun uummata saamaa jiraachuun barame

Jun 30, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2023

Murni maqaa seera kabachiisnaan olaantummaa siyaasa isaa eeguuf uummata keessatti loltoota isaa hedduminaan bobbaase, bakka cufatti loltoota isaan uummata Oromoo saamsisaa fi dararaa oola.

Waraanni faashistii PP kun mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti hidhattoota naannichaa waliin ta’uun ajjeechaa sukkanneessaa adda baabayii irratti raawwachuun cinaatti ajjeechaa guyya guyyaa fi saamichi idileeffamee jira.

Gocha saamichaa kana gosoota Anyuuwak waliin ta’uun abbootii qabeenyaa Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, dukkaanota, manneen hawaasaa fi bakkoota hojii ilmaan Oromoo cufa irratti saamichaa fi hubaatii qaqqabsiisaa oolu.

Magaalaa Gambeelaa keessatti gochootni sukkanneessoon ilmaan Oromoo xiyyeeffate guyyaa gara guyyaatti raawwachuu itti fufus qaamotni seeraa gocha badii kanatti hirmaatanii raawwachuu malee badii kana hambisuuf yaaliin isaan taasisan hin jiru.

Torbeedhuma kana keessa manneen Oromoo 20 ol magaalicha keessatti saamamuu fi namootni hedduun reebamanii kan hidhaman yoo ta’u, ilmaan Oromoo sadii Wiixata darbe magaalicha keessatti waraana faashistii PP’n ajjeefamuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading