• Sat. Mar 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti Waraanni faashistii PP bifa haaraan namoota nagaa hidhuu jabeessan

Jul 1, 2023

ONM-ABO Adoolessa 1, 2023

Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun qabanii hidhuu itti fufanii jiru.

Dheengadda Waxabajjii 29, 2023 irraa eegaluun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti WBO fi caasaa isaa magaalicha keessa sosso’u nyaachisuun miidhaa nu irraan ga’aa jirtu jechuun namoota hedduu hidhaa jiru.

Hidhaan bifa haaraan magaalicha keessatti itti fufe kun gandoota akka Aannee Diimaa, Gafarsa Gujee, Dirree  Cirrachaa fi naannoo Warshaa Finjaalaatti akka ta’e maddeen himaniiru.

Magaalaa Buraayyuu kana keessatti caasaa fi waraanni bilxiginnaa sodaa Waraana Bilisummaa Oromootu magaalattii keessa halkan halkan seena jedhuun ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban siyaasaan yakkuun miidhaa garaagaraa irraa ga’aa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading