• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Gujii bahaa Aanaa Adoolaa waayyuu keessatti ummata nagaa ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun hammaate

Jul 5, 2023

ONM-ABO Adoolessa 5, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo badii tokko malee dalagaa dhuunfaa isaanii irraa qabuun achi buutee dhaabamsiisuu itti fufee jira.

Gareen gadaa aangoo koloneel Abiy Ahimed dheeressuuf dantaa bubutuun sharafachuun hojjechaa jiran torbee darbe keessa godina Gujii bahaa aanaa Adoolaa Waayyuu keessatti haadha maatii ilmaan shan abbaa malee guddisaa jirtu badii tokko malee manaa ukkaamsanii erga fuudhanii achi buuteen ishii hanga ammaatti hin baramin jira.

Namni hanga ammatti firoottan ishee barbaadanii dhaban kun aadde Shamshiyaa kan jedhamtu yoo taatu,  sababa isheen ukkaamfateef ijoolleen ishee namni gargaaru dhabamuun rakkoo keessatti kufanii jiraachuun barameera.

Murni faashistii PP waraana isaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sakattaanaa fi olaantummaa seeraa kabachiisnaan aanaa Adoolaa Waayyuu keessatti bobbaafaman malee yeroo garaagaraatti ajjeechaa, saamichaa fi namoota qe’ee irraa godaansisaa akka turan ni beekama.

Leave a Reply