ONM-ABO Adoolessa 5, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu bakkayyuu jabeessee jira.
Haaluma kanaan jajjabeewwan baha biiftuu WBOn zoonii bahaa kaleessa Adoolessa 4, 2023 guyyaa toora sa’a 7:00 irraa eegaluun hanga halkan keessa 4:00tti godina lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Maadhichoo buufata 3 jedhamee bakka waamamu keessatti tarkaanfii WBOn fudhateen waraana bilxiginnaa irraa 50 ajjeesuun 100 madeessee jira.
Tarkaanfii jabaa WBOn bakkichatti fudhateen humna dabalataa 3F sadii fi oraalii 3 dhiyeeffatanis daaraa taasisee jira.
Du’aa loltoota faashistii PP yeroo gabaaasni kun qindaa’etti bakkee irratti hafee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof!
