• Thu. Jan 8th, 2026

Miseensotni Raayyaa Ittisa Impaayerattii 2 hidhannoo guutuu waliin godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa WBOtti makaman

Jul 5, 2023

ONM-ABO Adoolessa 5, 2023

Dhaabbanni waraana faashistii PP dhukkuba sanyummaa fi jibbiinsa Oromummaan erga rukutamee, bakka tokkotti kaayyoo tokkoof hitituu dadhabuun loltootni isaa keessaa ganaa fi meeshaalee gurguratanii badaa jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’an ammoo bakka jiranii carraa argataniin saba keenyatti afaan qawwee diinaa hin deebisnu jechuun WBOtti makamaa jiru.

Akka kanaanis kaleessa Adoolessa 4, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Seertumii irraa qawwee Turkii 2, rasaasa 400, boombii 2 fi hidhannoo 2 mooraa garboomfataa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru. 

Ilmaan Oromoo kunneen murna bilxiginnaaf qawwee baatanii tajaajilaa turuutti gaabbuun, gocha armaan dura raawwataniif dhiifama gaafachuun, simannaa WBO’n taasiseefittis gammaduu himan.

Xumura irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii murna garboomsaa tajaajilaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading