ONM-ABO Adoolessa 5, 2023
Murni faashistii PP waraana isaa akka Isa tiksaniif leenjifate uummata nagaatti bobbaasuun ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti badii tokko malee dararaa jiru.
Ilmaan Oromoo sirna bilxiginnaa jalatti hanga bineensaa hanqachuun ajjeechaan saaxilamanii jiran cinaatti wantoota uummata kana ittiin hiraarsuun ni danda’ama jedhamu cufa fayyadamuun uummaticha hiraarsaa jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessa kan qubsiifaman waraanni faashistii PP kutaan waraanaa 82ffaan uummataaf yaaddoo cimaa ta’anii jiru.
Dheengadda Adoolessa 3, 2023 galgala mana hawaasaa irra deemuun ijoollee shamarranii gadi nuuf baasaa jechuun gudeeddii irratti raawwachaa turuu odeessi achii ba’e ni addeessa.
Loltootni maafi’aa kun manneen namoota shamarran gadi baasaa jedhanii gaafatanitti maatiin yoo dheekkaman, gadi baafamanii reebamaa akka jiranii fi shamarran haala kanaan maatii ishee reebanii ishee irratti gudeeddii raawwatan keessaa tokko aariin of fannistee namootni funyoo irratti kutuun barameera.
Aanaa Hoomaa keessatti namootni sodaa irraan kan ka’e mana isaanii dhiisanii manneen amantii keessa bulaa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.


