ONM-ABO Adoolessa 5, 2023
WBOn zoonii lixaatti qondaaltota waraanaa sadarkaa garaagaraaf leenjii hoggansaa marsaa 2ffaaf kennaa ture xumure.
Humni riphee lolaa sadarkaa humna waraanaa xiqqaa irraa ka’ee kaayyoo xaliila’aa fi hoggansa gaarii qabaachuun yoo deeme uummata isaa siyaasa barsiisee haammachaa fi humna mootummaa lolee lafa babal’ifachuun gurmuu isaa jabeessa.
Haala yeroo ammaa ittiin waraanni bilisummaa Oromoo jabaachaa fi baay’achaa dhufe hubannoo keessa galchuun ABO-WBOn loltoota isaa sadarkaa qondaalummaa irra jiraniif leenjii hoggansaa kennuu itti fufee jira.
Jaarmiyaan ABO-WBO leenjii barbaachisummaa hoggansa waraanaa akkaataa itti diina irratti socho’anii fi hawaasa ofii qabatan akkasumas qabsoo bilisummaa Oromoo duratti tarkaanfachiisanii fi injifannoo argamu tikfatan irratti guyyoota 27f zoonii lixaa keessatti barnoota kennaafii ture.
Leenjii kana irratti kan argaman qondaaltota waraanaa sadarkaa saglii irraa hanga abbaa buttaatti yoo ta’u, ga’umsa hoggansa waraanaa cimsuun uummata ofii qabatanii humna diinaa cabsuu irratti xiyyeeffachuun leenjii bal’aan mudannoo fi dalagaa qabataa hojjetamaa ture fidanii irratti mari’achuun yaada sirrii gabbisaa kan hin taane kuffisaa barnootni akkaan hawwataan kennamaafii ture.
Leenjiin ga’umsa hoggansa waraanaa cimsuun bilisummaa Oromoo saffisiisuu zooniilee waraanaa cufa keessatti akka itti fufu ibsameera.




