ONM-ABO Adoolessa 7, 2023
Ibsaan godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo fi aanota sarara ibsaa Soorinnaa Gebbaa irraa fayyadaman erga addaan citee torban 2ffaa lakkoofsisaa jira.
Jireenyi hawaasa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo harki caalaan ibsaa waliin waan wal hidhatuuf rakkoon jiruu fi jireenya hawaasichaa irra ga’uu jabaatee jira.
Magaalattii keessatti baaburri midhaanii kan ibsaan daaku tajaajilli ibsaa waan hin jirree miidhaan daakuu dhaabuun, hawaasni miidhaan lafa itti daakkatu dhabee agabuuf saaxilamee jira.
Bishaan dhugaatii magaalattii keessaa sababa ibsaa kanaaf baduun hawaasni bishaan lagaa harreen fe’amee dhufu qarshii hanga 50tti baasee bituuf yoo saaxilamu, namootni bakka biroo magaalicha dhufan ammoo bishaan dukkaanaa maqaa highland jedhuun gurguramu qarshii qaaliin bitatee dhuguuf dirqama.
Manni nyaataa hedduun rakkoo midhaan lafa itti daaksifatan dhabaniif cufamaa akka jiranii fi warreen baabura boba’aatti baadiyaa itti dhiyootti daakkachaa jiran ammoo biddeen bishaan dhugaatii malee namootatti gurgurachaa jiru.
Magaalaa Dambii Doolloo keessatti fe’amtee duuta malee namni bishaan qaaxee tokkoon si qaqqabu akka hin jirre jiraattotni dubbachuun, sababni kanaas hawaasichi namoota jibbanii osoo hin taane tajaajilli bishaan dhugaatii magaalattii keessa waan hin jirreefi jechuun cidhaa fi gadda geggeessuun rakkisaa ta’ee jiraachuu ibsu.
Rakkoo tajaajila ibsaa magaalattii kana waajjira ibsaatti iyyatanis muka ibsaatu hedduutu jige jechuu malee ogeessa deemee sirreessee rakkoo keenya furuu hin arganne kan jedhan jiraattotni, madda annisaa Soorinna Gebbaa irraa akkuma Dambii Doolloo kan argattu magaalaa Gambeelaa keessatti garuu ibsaan tajaajila kennaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Rakkoo dhabamuu tajaajila ibsaa kun aanaa Anfilloo magaalaa Muggii, Ashii, Gabaa Roobii, Yimaaloogii Walal, Sadan Canqaa, Daallee Waabaraa fi Gaawoo Qeebbee keessas akka jiru ni beekama.
Oduu biraatiin ammoo murni tajaajila bu’uuraa hawaasaaf kennuu hin dandeenye namoota nagaa badii isaanii malee ajjeesuu garuu hin dhiisne.
Dheengadda Adoolessa 5, 2023 nama Efreem Fiqaaduu jedhamu jiraataa aanaa Anfilloo ganda Gobbii kan ta’e seensa magaalaa Dambii ganda 07 keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namootni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

