• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti poolisootni sabaan Oromoo fi Amaara ta’an walitti dhukaasuun wal ajjeesan 

Jul 7, 2023

ONM-ABO Adoolessa 7, 2023

Murni bilxiginnaa waggoottan shanan kana keessatti olaantummaan ilmaan Amaaraa isaan ijaaraan qonnaan bultootaa fi barattoota Oromoo qofa lubbuu baasisaa jira osoo hin taane, hojjettoota sirnuma bilxiginnaa gadhaabuuf hojjetan osoo hin hafin ajjeesaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti gocha hammeenyaa poolisootni sabaan Amaara ta’an namoota badii malee siyaasaan qabaman irratti doorsisa yeroo hammeessanitti poolisiin sabaan Oromoo ta’e kan maqaan isaa Mahaammad jedhamu dheengadda Adoolessa 5, 2023 dhukaasa itti banuun poolisii sabaan Amaara ta’e kan maqaa isaa Abduu Ahimed jedhamu ajjeesuu jiraattotni himan.

Godina Walloo keessatti ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti tuffatamuun ajjeefamuu, hidhamuu fi godaansifamuun cinaatti ilmaan isaa namummaa mulqamuun sabaan tuffatamanii miidhamaa jiru.

Dhukaasa quuqama sabummaan ilmi Oromoo irratti banee, finxaaleyyii Amaaraa keessaa ajjeese kanaan okkora mooraa waajjira poolisii aanichaa keessatti uumamee fi hojjettoota bulchiinsaa gidduutti wal gaarreffannaa sanyummaa dhalateen tasgabbii dhabamee akka hin jirre dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply