• Sat. Mar 14th, 2026

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessaa mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennatan 

Jul 8, 2023

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo humnaan qe’ee isaanii irraa qabuun leenjii waraanummaa gabaabinaan kennuufiin barcuma isaanii akka tiksaniif lubbuu isaanii lola isaan hin ilaallanne irratti bobbaasuun akka baalaa harcaasisaa ture, yeroo ammaa gocha badii murna faashistii kanaa irratti dammaquun sirnicha ganuu akkuma itti fufaniitti jiru.


Ilmaan Oromoo mooraa waraana bilxiginnaa ganan kun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin bakka WBO’n jirutti deemuun itti makamaas jiru.

Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Haroo irraa ilmaan Oromoo miseensota waraana murna bilxiginnaa turan 4 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamaniiru.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4’n kunis Adoolessa 5, 2023 qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu 1, bireenii tokkoo fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisan.

Erga WBO bira ga’aanis simannaa taasifameefitti gammaduun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun garbummaa uummata Oromoo irraa fonqolchuuf waadaa seenanii jiru.

Xumura irrattis ilmaan Oromoo qawwee baatanii murna faashistii kana tajaajilaa jiran, daandii badii ta’uu hubachuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin dhufanii qomoo isaaniif akka falman dhaamsa dabarsaniifii jiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading