• Thu. Jan 1st, 2026

Waraanni faashistii PP miindaa sababa malee nu irraa citu ni mormina jechuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti har’a marsaa lama walitti dhukaasan

Jul 8, 2023

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Murni faashistii PP ilmaan hiyyeessaa aangoo irraa TPLF na buusuuf jechuun akka waan aangoon Oromoo tuqametti gadi ba’ee boo’uun jumlaan leenjisee ture, erga TPLF waliin araara taasisee waraana kaleessa kadhatee fide irraa dirqiin miindaa kutuutti gadi taa’ee jira.

Har’a ganama Adoolessa 7, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Muggii adda addaa keessatti loltoota PPn miindaa isaanii baatii irraa qarshii 1300 akka kutan mariisisanis loltootni gariin ifatti mormuun waltajjii irratti osoo waliin galiin ba’an.

Yaada mormiin kan ba’an loltootni faashistii PP toora sa’a 10:00tti  dhukaasa gurguddaa daqiiqaa shaniif ture wal irratti banuun  magaalicha raasanii, hawaasa daandii gubbaa irra ture olii fi gadi kan fiigsisan yoo ta’u,  hojjetaan mootummaas hojii dhiisee akka galu taasisanii jiru.

Wal dhibdeen isaanii kun yeroof erga qabbannaa’ee booda galgala sa’a 2:00tti itti deebi’uun dhukaasa gurguddaa wal irraa hin cinne daqiiqaa 10f wal irratti geggeessanii jiru.

Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa sababa miindaan cituuf jedhu maddeen waraanaa gaafachuun akka adda baasetti, maallaqni citu ijaarsa manneen hiyyeeyyii fi mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Gambeelaa keessatti mata duree jedhuun akka ta’e barameera.

Murni faashistii PP paarlaamaa irratti manneen hiyyeessotaa akka ijaaraa jiru, nyaata hiyyeessotaaf akka kennaa jiruu fi dadhaboota gargaaraa akka jiru himuun namni isa qeequu barbaadu, akka isaatti maalan hojjedhe jedhee of gaafachuu qaba jechuun akka waan maallaqa giiphii isaatii baase hojjetutti ibsuuf yaalus, dhugaan jirtu garuu namoota baay’ee agabsee akka ta’e ni hubatama.

Loltootni guyyaa guutuu jooranii maallaqa xiqqaa qarshii 2800 argatan 1300 kutuun kan hafeen jiraachuu akka hin dandeenye tilmaamuuttii dhimma kan hin qabanne murni bilxiginnaa, ani karoorri kiyya miidiyaan ba’ee mul’achuun addunyaan hojii sobaaf beekamtii naaf laannan kumaatamni haa du’u, haa daaru akkasumas haa beela’u waan jedhu fakkaata.

Yeroo amma magaalaan Muggii raafama keessa galuun hawaasni siree dhiisee lafa bulaa jiraachuu jiraattotni nuti bilbilaan dubbisne nuuf himuun, naannoo mana isaaniitii loltootni bilxiginnaa gara daggalaatti baqachaa jiraachuu nuuf himaniiru.

Dhukaasa marsaa 2 wal irratti banan kanaanis miidhaa gurguddaa wal irraan ga’anis gosti miidhaa kanaa ammaaf ifa hin ba’in jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading