• Tue. Jan 13th, 2026

Kaabinootni murna bilxiginnaa godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nagallee xaa’oo qonnaan bultootaaf jedhamee dhufe dhuunfaa isaaniif oolfachuun barame 

Jul 9, 2023

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Yeroon qonni arfaasaa darbee ganni seenuun miidhaan boodaa kan birraa fi jalqaba bonaatti ga’u facaasuuf qonnaan bultoota hojii isaanii jabeessanii jiran akkasumas wantoota qonnaaf barbaachisan kanneen akka xaa’oo bitachuuf magaalaa aanaatti marmaaranii dha.

Haa ta’u malee waggoottan shanan kana erga bilxiginnaan aangootti ol ba’ee waa’ee paarkii fi waraanaa odeessuu eegalee qonnaan bultootni sanyii filatamaa fi xaa’oo argachuu dadhabuun lafti isaa osoo hin qotamin bulaa akkasumas oomishni gadi bu’aa jiraachuun gabaa miidhanii yeroo ammaa xaafiin qarshii 10,000n galuu irraa hubachuun ni danda’ama.

Waggoottan sadan kana sanyii  filatamaa fi xaa’oo  madda galii kan taasifatan kaabinootni fi caasaan waldaa hojii gamtaa maqaa qonnaan bultootaa dha’ataa murna bilxiginnaaf hojjetu, godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nagallee keessatti xaa’oo qonnaan bultootni akka bitataniif aanichatti fidanii buusan wal ijaaruun dhoksaan ofii, firoottanii fi namoota isaanitti dhiyaataniif qooduun qonnaan bultoota dhorkatanii qonnaaf itti fayyadamaa jiru.

Kana malees xaa’oo kana gabaa dhoksaatti gatii isaa ol kaasuun qonnaan bultootatti gurguruun qonnaan bultootni maallaqa sana hin qabnee  fi bakka gabaa sanaa hin beekne akka dhaban taasisanii jiru.

Aanaa Arsii Nagallee keessatti maalaammaltummaa fi saamichi maallaqaa hawaasa irratti hammachuun kaabinootni aanichaa kallattii cufaan faayidaa qonnaan bultootaaf dhufu faayidaa dhuunfaa isaaniitti naannessaa jiru.

Kaabinoota aanichaa gocha qabeenya dhuunfaa kuufachuuf jecha xaa’oo qonnaan bultootni fayyadamuun beela of baasan dhoksaan gurgurachaa jiran keessaa kan maqaa arganne Tashoomaa Akkiyyaa, Dastaa Banataa fi Maammoo Aliyyee kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni himuun xaa’oo ardaba tokko  qarshii 10,000n gurgurachaa jiraachuu himu.

Mataan nafxenyootaa Abiy Ahimed qamadii alatti ergaa jirruuf biyyootni Afrikaa beekamtii kennaa jiru jedhuu fi oomishni dabaleera jedhee dubbatu impaayeera xaa’oon sirnaa fi yeroon hin kennamne keessaayuu lafa Oromiyaa godinoota Arsii fi Baalee keessatti ta’ee osoo jiruu sana dubbachuun isaa  namichi rakkoo qonnaan bulaaf gurra akka hin qabne agarsiistuudha kan jedhan hedduu dha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading