ONM-ABO Adoolessa 10, 2023
Mooraan waraana bilxiginnaa impaayera Minilikii fi Abiy Ahimediin akka tiksaniif maallaqni guddaan itti ba’ee ijaaraman akeekni sirnichaa lubbuu isaanii waan hiikoo hin qabneef akka baalaa harcaasuu malee faayidaa akka hin qabne hubachuun diigamuutti jira.
Keessaayyuu ilmaan Oromoo lola impaayeera Itoophiyaa tiksuuf geggeeffamu cufatti qoraan abiddaa ta’aa jiraachuu hubachuun carraa argataniin sirnicha ganuu itti fufanii jiru.
Akka kanaanis dheengadda Adoolessa 8, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 kibba Oromiyaa aanaa Liiban mooraa ganda Algee Qalqalchaa irraa sirna bilxginnaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu itti fufanii jiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa duranii kun qawwee AKM Turkii 4, dachaatuu 2, rasaasa, boombii fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.
Ilmaan Oromoo murna bilxiginnaa ganuun WBOtti makaman kanaaf WBO’n zoonii kibbaa Cibraan Mataa Gafarsaa simannaa oo’aa kan taasiseef yoo ta’u, waraanni bilxiginnaa kunis badii saba isaanii irratti barcuma Abiy Ahimed tiksuuf taasisaniif dhiifama gaafachuun ilmaan Oromoo achitti hafaniifis waamicha taasisisanii jiraachuu gabaasni WBO zoonii kibbaa irraa nu qaqqabe ni addeessa.





