• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti caasaan nageenya bilxiginnaa namoota dararaa jiraachuun barame

Jul 12, 2023

ONM-ABO Adoolessa 12, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaanii irra akka hin jiraanneef caasaa nageenyaa, bulchiinsaa fi waraanaa itti bobbaasuun hojii idilee isaanii jeeqaa oola.

Namoota hiraarsuu irratti kan hojjetan caasaan aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman kun godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa ganda Haqabaas kan jedhamu keessatti itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenya araddaa sanaa Aliyyii Jamaal Umaree  jedhamu uummata nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon dararaa jira.

Aanicha keessatti gaaffii gaafachuun, dalagaa irra turanii dubatti hafanii dhufuunii fi abbootii siyaasaa bilxiginnaa waliin hariiroo dhabuun ilaalcha siyaasaa biraa qabda maqaa jedhu kan namatti moggaasisu waan ta’eef hawaasni bilisaan jiraachuu danqamee jira.

Kana malees badii tokko malee hidhamuu, reebamuu fi baasii garaagaraa gaafatamuuun jireenya hawaasichatti hadheessanii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading