ONM-ABO Adoolessa 14, 2023
Impaayera yakkamaa fi leellisaa sirna nafxenyaa ta’e kan hogganaa jiru PP diigamuuf xiyyoo irra gahe achitti tiksuuf jecha; ergamtoonni sirnichaa goleelee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo irratti duula qindaa’aa banuun uummata gidirsuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Lixa Oromiyaa Godina Bunnoo Beddellee aanaa Dooranii ganda Sibboo jedhamu keessatti, milishoonni fi waraanni sirnichaa dawoo waraanaaf qotaa jechuun uummata hiraarsaa jiraachuu odeessi achii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.
Kana malees waraanni maafiyaa PP kun shamarran Oromoo humnaan qabanii gudeeddii irratti raawwachaa jiraachuu ibsanii jiru.
Godinicha keessatti adda durummaan waraana sirnichaa waliin ta’uun kan uummata Oromoo dawoo waraana bilxiginnaaf qotaa jechuun uummata ofiifuu jireenyi bahaa fi gala wallaalchise rakkisaa jiru milishaa maqaan isaa Imaamuu Naggasaa jedhamu yoo ta’u, kanaan duras yeroo maqaa sakattaan uummata dirqisiisanii bobbaasaa turan keessa shamarranii fi haadholii hedduu waraana sirnichaa kana itti erguun kan akka gudeeddii irratti raawwatamu taasisaa turee fi akka uummaticha dararan gochaa ture ta’uu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.


