• Sat. Mar 14th, 2026

Tarkaanfii qaamotni hidhatan konkolaataa Itaang irraa gara magaalaa Gambeelaa dhufaa jiru irratti fudhataniin namootni nagaa hedduun du’uun barame

Jul 14, 2023

ONM-ABO Adoolessa 14, 2023

Baatii muraasaa asitti mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa fi naannowaa isheetti tarkaanfiin qaamotni hidhatan wal irratti fudhatan akkasumas uummata nagaa irratti fudhachuun lubbuu qulqulluu balleessuu jabaatee jira.

Haala kanaanis kaleessa Adoolessa 13, 2023 konkolaataa deddeebisaa uummataa magaalaa Itaang irraa gara magaalaa Gambeelaa deemaa ture irratti hidhattootni magaalaa Gambeelaa osoo hin seenin fageenyi meetira 500 bakka hafeefitti tarkaanfii irratti fudhataniin lubbuun namoota baay’ee darbuun barameera.

Konkolaataa kana keessa baay’inaan saboota Anyuwaakii fi Oromoo dabalatee sabootni biroon muraasni keessatti argamu.

Warreen tarkaanfii gareen hidhattootaa kaleessa fudhatan kanaan warreen lubbuun darban keessa ilmaan Oromoo sadii keessatti argamu.

Odeessa naannoo sanaa arganneen warreen tarkaanfii kana fudhatan qaamota hidhatanii naannicha keessa socho’aa jiran jechuun alatti eenyu akka ta’e qaamni ibsu hin argamne.

Magaalaa Gambeelaa fi naannowaa isheetti ajjeechaa lammiilee nagaa keessaayuu Oromoo irratti waraanni faashistii fi gosootni magaalaa Gambeelaa keessa jiran fudhaachaa jiraniinis lubbuun ilmaan Oromoo kudhanii ol baatii Waxabajjii kaasee galafatamuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading