• Mon. Mar 16th, 2026

WBOn zoonii kibbaa waraana faashistii PP aanaa Liiban keessatti du’aa fi madoon adabe

Jul 14, 2023

ONM-ABO Adoolessa 14, 2023

Abdii fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom Booroo Adoolessa 14, 2023 ganama har’aa waraana weerartuu Abiy Ahimed kan Jaarsoo Boruu Rarootiin bobbaafamte aanaa Liiban ganda Mugaayoo fi Algee gidduutti haxxee hidhuun tarkaanfii cimaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeesseeraa.

Lola kanaanis gootichi abdii sabaa lukkeelee Abiy 120 oli du’aan adabuun 75 oli madoo tolchee haftee ishee addaan bittinneessee galcheera.

Gama Meeshaa diina irra hiikameetiin
Diishqa 1, rasaasa isaa 1000 oli.
Bireena 2, Rasaasa isaa 2600 oli
Kilaashi AKM 22 Rasaasa AKM 3000 oli akkasuma boombii fi uffataalee waraanaa garaagaraa hedduu irraa hiikuun mooras Qabsoo Bilisummaa Oromootiif galii taasiseera.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading