ONM-ABO Adoolessa 15, 2023
Oromiyaan erga harka gita bittootaa galtee kaasee siyaasa impaayerattii leellisuun dhiphachaa, ilmaan ishee ammoo gidirfamaa fi diraamaan irratti hojjetamaa oola.
Siyaasni impaayera Itoophiyaa keessatti mul’atu aanga’ootaa olaanoo irraa kaasee hanga gadiitti sobaan uummata burjaajessanii osoo hin hojjetinii fi fudhatama hin argatin akka waan milkaa’anitti of ibsuu ta’ee jira.
Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa keessatti aanaan Waamaa Hagaloo nageenya kabachiistan jechuun bulchiinsi godina Baha Wallaggaa waancaa waan kennaniif dheengadda Adoolessa 13, 2023 uummata aanichaa hojii idilee irraa qabanii sirbisiisaa oolan.
Dabalataanis namoota konkolaataa qaban cufa guyyaa dheengaddaa kana humnaan konkolaataa qabadhaa ba’aa jechuun guyyaa guutuu boba’aa baasii isaaniin dhiichisaa oolaniiru.
Aanaa Waayyuu Tuqaatti ammoo bulchaan aanichaa kaabinoota aanichaa dhimma dhuunfaa isaaf qabee hidhaa jiraachuun barameera.
Aanicha keessatti Adoolessa 12 irraa kaasuun kaabinoonni adeemsa hojii irratti bulchaa aanichaa dura dhaabbatan ilaalcha siyaasaa biroo qabduu fi nageenyi akka hin mirkanoofnee gufuu taatan jechuun hedduu isaanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.


