• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni faashistii PP badii tokko malee ilmaan Oromoo 30 ol godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee keessatti hidhuun barame

Jul 15, 2023

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

impaayeera gaaffii sabootaa keessatti guddatee fi deebii dhabuun raafamaa jirtu keessatti, deebisanii jabeessuuf namoota ilaalcha siyaasaan yakkanii hidhuu tooftaa waraanaa taasifatanii hojjechaa jiru.

Akka kanaanis Adoolessa 3, 2023 godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee ganda Waalmanyee Alkasoo irraa namoota nagaa 30 ol badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi hidhata isaanii qabdu jedhuun qabanii hidhuun dararaa jiru.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee qabamuun waajjira poolisii aanaa Kofaleetti hidhamanii dararamaa jiran harki caalu abbootii maatii yoo ta’an, qonna isaanii irraa qabamuun ooyiruun isaanii osoo hin hojjetamin lafa ba’aa jira.

Murni faashistii PP waraana isaa itti bobbaasuun aanicha keessatti namoota qabu, manneen namootaa sakatta’uu fi qabeenya namootaa saamuun jireenya uummatatti hadheessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply