• Fri. Mar 13th, 2026

Ilmaan Oromoo badii tokko malee kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Bunnoo Beddellee aanaa Gachii keessatti qabamanii hidhamaa jiraachuun barame

Jul 15, 2023

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Murni yakka tokko malee ilmaan Oromoo adeemse hidhuun hojii idilee isaanii irraa dhaabee qorqalbii cabsuu barbaadu, guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.

Akka kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo irraa Adoolessa 13, 2023 ilmaan Oromoo Umar Hajii, Yaasin Aliyyuu, Ibraahim Aliyyuu, obboolaa lamaan yoo ta’an, Ahimed Umar, Ibrahim Umarii fi Ahimed kanneen jedhaman qabanii hidhanii jiru.

Sababa kanaanis hawaasni baadiyaa sodaa hidhaa irraan kan ka’e magaalaa Qiciicoo deemuun gabaa irraa waa bitaachuu dhaabee jiraachuun barameera.

Hidhaan kun godina Bunnoo Beddellee aanaa Gachi ganda Dikee Bakkaalee jedhamu keessatti Adoollessa 12, 2023 hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuudhaan nama Kadir Bulti, Qaasimaa Mahaammad, Fadiluu Ahimed, Sheek Huseen Sirnaa abbaa amantaa, Jabaluu Zeenuu Muktaaru Muusaa fi kanneen maqaan nu hin ga’in jiru hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading