• Sat. Mar 14th, 2026

Ilmaan Oromoo mana hidhaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu waajjira poolisii aanaa sadaffaatti hidhamanii jiran rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuun barame 

Jul 15, 2023

ONM-ABO Adoolessa 14, 2023

Bakka cufatti badii tokko malee ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, WBO dinagdeen tumsituu fi leeccalloo dhiyeessitiifiin bakka dhalootaan akkasumas dammaqiinsa siyaasaa qabaniin ilmaan Oromoo magaalaa Buraayyuu keessatti hidhamaa jiru.

Haala kanaanis yakka tokko malee ilmaan Oromoo bulchiinsa magaalaa Buraayyuu kutaa magaalaa garaagaraa irraa qabamuun waajjira poolisii aanaa sadaffaatti kanneen hidhaman rakkoo hamtuu keessa jiraachuun barameera.

Maatii fi hiriyootni isaanii akka hin gaafanne dhorkamaa akkasumas namoota tokko tokkoon ammoo asi hin jiru jechuun keessaan dhabamsiisaa akka jiran hubatameera.

Mana hidhichaa keessatti namootni baay’inaan hidhamuu irraan kan ka’e lafti bultii dhabamuun wal rakkisaa fi dhibee daddarbaa adda addaafis  saaxilamaa jiru.

Mana hidhichaa keessaa yeroo fedhan galgala galgala dhufanii hidhamtoota kan reebanii fi warreen kaan ammoo fuudhanii kan deeman yoo ta’u, hidhamtoota bakka biroo irraa fidan ammoo reebanii butuchuun achi keessa kaa’anii deemu.

Hidhamtootni kunneen kanneen baatii 1 hanga waggaa 2 olii kan keessa jiran yoo ta’u, mana murtiitti dhiyaatanii murtii osoo hin fudhatin dararaa argaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading