• Sat. Mar 14th, 2026

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo fi Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa irraa WBOtti makaman 

Jul 17, 2023

ONM-ABO Adoolessa 17, 2023

Ilmaan Oromoo miseensa  waraana faashistii PP dirqamaan ta’uun impaayeera cubbamtuu Itoophiyaa fi Abiy Ahimediin barcuma irratti akka tiksaniif bobbaafaman kaayyoon qondaaltotni  bilxiginnaa Oromoof qaban badii ta’uu hubachuun sirnicha gananii ba’uu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis kaleessa Adoolessa 16, 2021 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kan sabummaa Oromoo godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Seertumii irraa qawwee AKM dachaatuu 1, rasaasa 153, hidhannoo fi gumbii sadii dabalataan mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisee jira.

Godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda ganda Biiddumaa irraa kaleessuma Adoolessa 16 miseensi raayya ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuudhaan   gara moonaa waraana bilisummaa Orromootti makamee jira.

Waraanni faashistii PP duraanii kun loltooltummaan sirnicha tajaajilaa turuutti gaabbuun, simannaa oo’aa taasifameefitti gammadaniiru.

Rakkoo sirnicha keessatti sababa Oromoo ta’an qofaaf deggertota WBOti jedhamuun irra ga’aa ture kaasuun, sirni cunqursaa akka sabaatti namummaa keenya mulqe tokkummaan qabsoo saba keenyaa bira akka dhaabbannuuf ilmaan Oromoo qawwee keessan baattanii sirnicha tajaajilaa jirtan sirnicha ganuun WBOtti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading