• Sat. Mar 14th, 2026

Murni faashistii PP bifa haaraan waraana isaa lixa Oromiyaatti fe’aa jiraachuun barame

Jul 17, 2023

ONM-ABO Adoolessa 17, 2023

Murni yeroo itti xaa’aa fi meeshaalee qonnaa qonnaan bultootaaf raabsee oomishtummaa dabaluu irra qorichoota manneen yaalaaf geejjibee hawaasa fayya buleessa geggeessuu irra loltootaa fi meeshaalee waraanaa gadi itti fe’uun hawaasa ni geggeessinaan jedhan lubbuu obbaasaa ooluun Oromiyaa bakka hundatti waan baratamee dha.

Murni lammiilee nagaa ajjeesuu hin quufne kaleessa bifa haaraan waraana isaa konkolaataa 40 ol konkolaataa gurguddaatti fe’uun gara Lixa Oromiyaatti imalchiisuuf magaalaa Holotaa dhaabbatee jira. 

Konkolaattota kana irra waraanaa fi meeshaalee waraana gurguddaan akka jiranis barameera.

Murni faashistii PP baatii lamaan dura duula waraanaa Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessinaa fi seera kabachiisnaan bobbaaseen lammiilee nagaa jalaa hojii  mannee gubuu, qabeenya mancaasuu, saamuu, hidhuu fi lubbuu obbaasuu raawwachaa ture.

Bobbaa diinaa kanaanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa mara keessatti humna diinaa 1500 ol ajjeesuun 1000 ol madeessee 200  ol booji’uun meeshaalee waraanaa gurguddaas irraa hiikee jira.

Erga mareen Taanzaaniyaatti WBO waliin geggeeffamee ibsa wal hubannoo irra geenyeerra; fuula dura maree kanatti akka deebi’an ibsi gareen lachuu baasan ibsus,  bilxiginnaan lola bifa haaraan torbaan 8ffaa lakkoofsisaa jiru kana irratti loltoota bifa haaraan iizii dhihaa fi giddu galeessaa guutuutti iizii kibbaa fi 6ffaa ammoo koorii sagal sagal tokko tokkoon isaanii irraa,  rippaabikaan gaardii kutaa waraanaa 2, komaandoo kutaa waraanaa 6 fi humna furgaatuu kutaa waraanaa 4 itti bobbaasuun Oromiyaa Sooriyaa taasisee jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading