• Sat. Jan 3rd, 2026

Waraanni faashistii PP godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu irraa namoota nagaa maqaa WBO gargaartuun hidhuu itti fufe

Jul 17, 2023

ONM-ABO Adoolessa 17, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo gocha isaanii malee ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun hojii idilee isaanii irraa qabee hidhuun dararuu itti fufee jira.

Haala kanaanis dheengadda Adoolessa 15, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii keessa namoota nagaa afur maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun qabanii magaalaa aanichaa Goojjootti hidhanii rakkisaa jiru.

Ilmaan Oromoo badii isaanii malee hidhamanii jiran kun Tsaggqayee Girmaa, Caalii Gabbisaa,Tashoomaa Girmaa fi Alamuu Bojaa kanneen jedhaman yoo ta’u, namootni kunneen badii dalaganii osoo hin taane, Oromummaa isaaniin yakkamanii akka ta’e barameera. 

Waraanni faashistii PP aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo buufatee jiru kun gandoota aanichaa irra naann’uun maqaa WBO gargaartu jedhuun namoota ajjeesaa, qabeenya namootaa mancaasaa fi saamaa jiraachuu illee jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading