ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Hojii tokko osoo hin dalagin kan gabaafatan geggeesitoonni murna biltsiginnaa, baatii gannaa kana raawwii hojii bara darbee fi karoora bara dhufuu jechuun lakkoofsa sobaa waliif gabaasaa, sababa waltajjii taa’aniif maallaqa maqaa durgoon nyaatanii wal nyaachisuu akkuma itti fufaniitti jiru.
Geggeessitootni bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa kaleessa Adoolessa 17, 2023 irraa qabuun wal-gayii magaalaa Gimbiitti taa’aa jiru.
Kaayyoon wal-gayii isaanii inni guddaan raawwii hojii 2015 fi karoora bara 2016 akka ta’e kan beekamu yoo ta’u, waltajjii isaanii kanaan wal sobuu fi goyomsuu malee qabatamaatti hawaasichaaf waanti isaan buusan hin jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaalee garaagaraa keessatti ajjeechaan waraana lafoo fi humna qilleensaan murna bilxiginnaan osoo raawwatee jiruu, saamichi, hidhaanii fi gudeeddiin bakka jabaatee jiru keessatti akkasumas misoomni dhaabbachuun manneen barnootaa mooraa waraanaa ta’anitti waltajjii kanaan rakkoon hawaasaa ka’ee irratti mari’atame hin jiru.
Sekteroonni wal-gayiicha irratti hirmaatanis, sektera fayyaa, Waajjira Qonnaa, IMX, waajjira Dubartootaa, Waajjira Galii, waajjira daldalaa, Waajjira Koominikeeshanii fi Haawasummaa akka ta’ees maddeen gabaasaniiru.

