ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Erga murni bilxiginnaa poolisootni naannoolee hidhannoo haa hiikkatan jedhamee mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti walitti bu’iinsi garee meeshaa fudhatanii daggalatti galanii fi raayyaa ittisa impaayerattii gidduutti itti fufuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachuu itti fufee jira.
Haala kanaanis kaleessa Adoolessa 18, 2023 magaalaa Gambeelaa bakka dhaabbata Tasfaa Dirijjit jedhamee beekamu cinaatti gosootni Anyuwaak ilmaan Oromoo lama qalanii qabeenya isaanii saamanii deeman.
Ajjeechaan kaleessa galgala geggeeffame kun namoota maqaan isaanii Mohaammed Hasanii fi Naasir Asaffaa jedhaman ta’uun barameera.
Ajjeechaa sukkanneessaa albeen cibsamanii qalaman kanaaf qaamni murna bilxiginnaa yaalii yakkamtoota hordofee qabuu tokkollee hin taasifamne.
Magaalaan Gambeelaas sababa dhukaasa hamaa kaleessa taasifamaa tureenis manneen cufaa ta’uu fi sochiin uummataa guyyuma har’aayyuu akka hin jirre barameera.

