• Mon. Jan 12th, 2026

Dhaabbileen miti mootummaa fi arjoomtotni Oromiyaa keessaa bakkoota lolli itti geggeeffamaa jiru akka hin deggerre bilxiginnaan dhorkaa jiraachuun barame

Jul 22, 2023

ONM-ABO Adoolessa 22, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa fi Begii keessatti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irra deddeebiin waraana bilxiginnaa irratti fudhateen kan mufate sirni Abiy Ahimed, uummata irraa tajaajila hawaasummaa hedduu irraa kutuun dhukkubni akka hin ittifamne akkasumas qorichi akka hin dhiyaanne gochuun balaa du’aaf saaxilee jira.

Aanaalee Begii fi Qondaala keessatti dhukkubni busaa, koleeraa fi gifiraa miidhaa lubbuu yeroo qaqqabsiisaa turettis qaamni bilxiginnaa uummatichaaf birmate hin jiru.

Rakkoo aanaalee kanneen keessatti mudatee jiru dhaabbanni gargaarsaa mootummoota gamtoomanii kan damee Asoosaa jalqaba torbee kanaa seenuun qorannoo gochuun deggersa barbaachisaa taasisuuf yaale, osoo hin milkaa’in hafee jira.

Faanuma UN hordofuun dhaabbanni Fannoo Diimaa damee Naqamtee guyyaa kaleessaa Adoolessa 21, 2023 aanaa Begiitti argamuun qorannoo tokko tokko taasisuuf yaalus, akkaataa fedhanitti hawaasa miidhamaa dubbisuu hin dandeenye.

Caasaan murna bilxiginnaa aanichaa namoota isaaf amanamoo ta’an itti dhiyeessuun akka dubbisan taasisaa ture.

Dhaabbileen mit-mootummaa kun rakkoo hawaasni aanaalee kanneenii sababa waraanaan keessa jiruuf akkasumas, dhukkuboota daddarboo kanneen akka busaa naannicha mudatee jiruuf deggersa akka taasisan dubbatanis daandii caasaan aanichaa keessa jiru qofaan akka ta’e ibsuun danqaa uumuun isaanii kan dubbatan maddeen gama sarbama mirga namoomaa ammoo hojii kamiinuu akka hin hojjenne akeekkachiisuunii maddeen dabaluun Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading