• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti saamichaa fi hidhaa hammeessan

Jul 26, 2023

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo qorqalbii cabsuun siyaasa isaa jalatti bitee jiraachisuuf gochoota farra mirga namoomaa raawwachuu itti fufeera.

Loltootni sirnichaaf amanamoo ta’an Oromiyaa bakkoota cufatti ilmaan Oromoo irratti kan roorrisaa jiran yoo ta’u, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii fi magaalaa ishee keessatti dararaan isaan namoota nagaa irraan ga’an jabaadha.

Magaalaa Gidaamii ganda 01 keessatti kaleessa Adoolessa 24, 2023 nama Fitawuu Qixxeessaa jedhamu qabuun badii tokko malee kan hidhan yoo ta’u, jiraataa ganda  Kommii Kojjii Solomoon Burruusee jedhamu ammoo halkan dhaqanii waamuun reebanii qabeenya isaa saamuun yoo deeman, qonnaan bulaan kun yeroo ammaa hospitaalatti du’aa fi jireenya gidduutti argama.

Magaalaa Gidaamii keessatti gocha badii kana itti fufuun waraanni bilxiginnaa dukkaana  namootaa cabsuun obbo Waggaarii Nagarii kan jedhamu nama qaama hir’uu ta’e reebanii miidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading