ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Sooressaa Abdataa bara 1998 godiina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo magaalaa Gabaa Dafinoo ganda 02 keessatti abbaa isaa obbo Abdataa Ammayyaa fi haadha isaa aadde Abazze Tarrafaa irraa dhalate.
Sooreessaan akkuma umriin isaa barnootaaf ga’een mana barnootaa sadarkaa 1ffaa achuma Jaarsoo Gabaa Dafinootti barnoota isaa kan eegale yoo ta’u, barnoota isaan cinatti ijoollummaa isaa irraa kaasee miinii miidiyaa mana barnootaa keessatti qoosaalee gara garaa qopheessuu fi shuubbisaalee adda addaa barattoota akkasumas uummata bohaarsaa fi bashannansiisaa nama guddatedha.
Artist Sooressaan sababa hin beekamneen adoolessa 26, 2023 halkan magaaluma Finfinnee naannoo Jamoo jedhamu hoteela Evola keesatti ajjeefamuun isaa kan dhagaa’ame yoo ta’u halkanuma sana reeffi isaa gara hospitaala Phaawuloositti akka geeffame beekamee jira.
Sooressaan magaalaa Finfinnee keessa jiraataa kan ture yoo ta’u hojiilee aartii nama bohaarsanii fi barsiisan hojjechuun alatti waan isa ajjeessisu takkoyyuu hojjetee akka hin beekne hiriiyootni isaa ni dubbatu.
Odeessaaleen tokko tokko akka ba’aa jiranitti qaamni hin beekamne, sin ajjeessa jedhee bilbilaan itti dhaadachaa akka turee fi dheengadda Adoolessa 26, 2023 galgala naannoo sa’atii 2:00 tti namni bilbileefii gara Hootela Evola jedhamu akka deeme hiriyoonni isaa ni ibsu.
Halkanuma sana ajjeefamuun naannoo sa’a 7:00 reeffi isaa hospitaala Phaawuloos akka deemee fi otoo hin dubbatamin turuun adoolessa 27, 2023 guyyaa naannoo sa’a 5:00 keessa du’uun isaa gabaafame.
Magaalaa Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo adamsanii akkaataa hin beekamneen ajjeessuun baratamaa yoo ta’u, baruma kana ji’a Waxabajjii asitti Dr. Oliyaad Moosee Finfinnee kutaa bulchiinsa Aqaaqii keessatti nyaata Summaa’aa nyaachisuun ajjeessan.
Artist Mohammed Amdihun Finfinnee Kilabii halkanii Habashootaa “Abay Club” jedhamu tokko keessaa hojjetaa turee ganama mana isaa keessatti du’ee argame.
Artist Mulunaa Tufaa, Hiriyaan isaa Artist Mohammed du’ee guyyaa 15 booda haaluma wal fakkaatuun galgala kilabii halkanii sana keessa hojjechaa turee innis ganama du’ee argamuun ilmaan Oromoof impaayerattiin yaaddoo taatee itti fufuu agarsiisa.







