ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Impaayera Itoophiyaa keessatti erga Abiy Ahimed aangootti dhufuun Pr Biraanuu Naggaa ministeera barnootaa taasisee maqaa qulqullina barnootaa eegsisna jedhuun barattootni qormaataaf bakkaa bakkatti socho’uu akkasumas qormaatni sadarkaa adda addaatti kennamu baay’achaa dhufuun barattootaa fi maatii irraan miidhaa geessisaa jira.
Qormaata ba’umsaa ” Exit Exam’ torban lamaan darbe Adoolessa 13, 2023 barattoota yuuniveersitii dhuunfaa fi mootummaa impaayerattii keessaa barachaa turaniif kan kenname yoo ta’u, barattootni baay’een kan mootummaa baratanis ta’e dhuunfaa mormii irraa qaban ibsaa turan.
Qormaatni ba’umsa yuuniveersitii kun firiin isaa guyyaa muraasa booda Adoolessa 17, 2023 kan gadhiifame ta’us, barattootni hedduun keessumaayyuu kanneen yuuniveersitiilee dhuunfaatti baratan hedduun qormaaticha kufanii jiru.
Barattoota yuuniveersitii dhuunfaa Riifti Vaalii tokko tokko akka dubbisnetti, qormaatni kenname kun barattoota yuuniveersitii dhuunfaa baratan ittiin kuffisuufi jechuun, qormaatni dhufe kan dhuunfaa fi mootummaa gargari, akkasumas yeroon itti kenname adda adda jedhu.
Gosa barnoota tokko baratanii kanneen yuuniveersitii mootummaa baratan Finfinnee irraa sa’a 6:30 kaasee kan fudhatan yoo ta’u, yuuniveersitii Riifti Vaalii Ambootti sa’a 10:00 hanga 12:00tti kennameef.
Yuuniveersitii Riift Vaalii Ambootti dippaartimentii Ikkoonomiksii irraa barattootni 684 qormaataaf kan ta’an ta’us barattoota 17 qofatu darbe.
Dippaartimentii Manaajimentii irraa barattoota 300 qormaataaf ta’an keessaa 3 qofti kan darban yoo ta’u, dippaartimentii Akkaawuntiingii daree sadii keessaa barataan tokkoyyuu hin darbine.
Rakkoo qormaatni kun qabu barattootni Yuuniveersitii Riifti Vaalii mooraatti argamuun iyyata akka hin dhiyeeffanneef waraanni bilxiginnaa dareen osoo hin hafin seenanii hordofaa fi walitti qabama barattootaa bittinneessaa jiraachuu kan himan barattootni rakkoon kun irra ga’e, bulchiinsi Abiy Ahimed fi Biraanuu Naggaa dadhabbii keenyaa fi maatii waggaa hedduu zeeroo taasisan jechuun rakkoo kanaaf sagalee nuuf ta’aa kan jedhan barattoota Yuuniveersitii Riifti Vaalii Amboo ti.





