• Tue. Nov 24th, 2026

Eebbi Jaarmiyaan ABO-WBO taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uu ilmaan Oromoo bakkoota adda addaa irraa ibsan

Jul 31, 2023

ONM-ABO Adoolessa 31, 2023

Jaarmiyaan ABO-WBO garbummaa uummata Oromoo irraa hundeen buqqisuuf akkasumas qabsoo hidhannoo Oromiyaa keessatti baroota dheeraaf geggeeffamaa ture milkiin goolabuuf hidhattoota akka qaccee dhukaa’an, akka leencaa baroodaa fi akka misaayelaatti bittinneessaa ta’an Oromiyaa bobaa diinaa jalatti eebisiisaa jiru abdachiisaa ta’uu namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsan.

Xumura bara 2022 baatii Onkoloolessaa kaasuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf humna lafoo fi xiyyaaraan bobba’us ilmaan sabichaa warreen xurree Jaal Elemoo Qilxuu irra jiran zooniilee waraanaa garaagaraa keessatti loltoota haarawwaa eebbisiisuu itti fufan.

Zoonii kibbaa, Giddu galeessa, kaabaa fi Lixa keessatti ilmaan Oromoo garbummaa uummata isaanii irraa buqqisuuf of kennan simatee baay’inaa fi ga’umsaan eebbisuun isaa abdii namatti hora, akkasumas murna bilxiginnaa raasa jechuun kallattiin irra jiramu galma bilisummmaan akka ga’u tilmaama qaban dubbatanii jiru.

Baatiidhuma Adoolessaa kana keessa eebbi miseensota haarawwaa Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kaabaa godina Wallootti, giddu galeessaa, kaaba fi kaaba lixa Shaggar akkasumas xumura torbee kanaa Lixa Shaggar keessatti eebbi taasifame onnachiisaa ta’uu ibsan.

Eebba Lixa Shaggar keessatti taasifames dinqisiifachuun dubbii jajjabeessaa fi abdachiisaa ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa Jaal Sanyii Nagaasaa dubbatanitti gammaduu kan himan namootni kunneen ilmaan Oromoo gama kamiinuu WBO bira dhaabbannee murna cunqursaa kana ofirraa fonqolchuu qabna jedhan.

Dhuma irrattis hanga murni bilxiginnaa uummata Oromoo irraa godaanee Oromiyaan biyya of dandeesse taatutti qawwee hidhachuu fi itti leenjisuun haa jabaatu, ilmaan keenyas warra milkii nuuf haa ta’an jechuun namootni kunneen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply