• Sat. Mar 14th, 2026

Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo keessatti waraana bilxiginnaa fi gosoota naannichaan ajjeeffamuun itti fufee jira

Aug 1, 2023

ONM-ABO Adoolessa 31, 2023

Dheengadda Adoolessa 29, 2023 mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa bakka Gonder Safer jedhamuun beekamutti ilmaan Oromoo gosoota Anyuwaakiin cubeen waraanamuun tokko yoo du’u tokko madaa’eera.

Waraansa cubeen gosoota Anyuwaak kanaan dargaggoota Oromoo lama irratti raawwateen kan ajjeeffame Daagim Addunyaa yoo ta’u, kan madaa’ee hospitaalatti yaalamaa jiru ammoo Karrasaa Tashoomee ta’uun barameera.

Magaalaa Gambeelaa kana keessatti ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti qaamota hidhatee socho’uu fi gosoota naannichaan raawwatu hammaatee kan itti fufee dha.

Dargaggoonni Oromoo lamaan kunis barattoota yuuniveersitii Gambeelaa kan baratan yoo ta’u guyyaa Sanbataa boqonnaaf ba’anii nyaata fayyadamuuf gara bakka sanaatti akka imalanii fi achittis gochi hin eegamne irratti raawwachuu hiriyootni isaanii miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading