• Fri. Jan 9th, 2026

Godina baha Shaggar ona Boosat  keessatti hidhamtoota siyaasaa irra miidhaan ga’aa jiru haalaan yaaddeessaa ta’uu jiraattonni dubbatu

Aug 2, 2023

ONM-ABO Hagayya 2, 2023

Murni siyaasni isaa sabboontota ilmaan Oromoo biratti jibbame bilxiginnaan, kufaatii isaa hubachuun humnaan barcuma siyaasa isaa cimsachuuf namoota nagaa dararuu hammeessee kan jiru yoo ta’u, namoota to’annoo seeraa jala jiran osoo hin hafin manneen hidhaa keessatti miidhaa gurguddaa irraan ga’aa jira.

Haaluma kanaan godina baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota jumlaan hidhuun hidhamtoota rooba keessa bulchaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Namoota tuttuqaa siyaasaa tokko malee qabamuun haala hamaa ta’een dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Roobaa Tulluu, Bariiisoo Dagaagaa, Dhaqqaboo Badhaadhaa fi Kabbadaa Nagawoo kanneen jedhaman waraanaa fi geggeesitoota murna bilxiginnaan rakkoon kun irra ga’aa jira kan jedhan jiraattootni, namootni kun hawaasa gidduutti, nagaa fi jaalalaan jiraachuu malee yakka akka irratti hin argine himu.

Aanaa Boosat magaalaa Doonii kana keessatti ajjeechaan jumlaanis raawwachuun sodaa kanaa namootni hedduun magaalicha gadhiisuu illee dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading