• Fri. Mar 13th, 2026

Qonnaan bultootni dirqiin qamadii fi ruuzii akka qotan taasifamaa jiraachuun barame

Aug 2, 2023

ONM-ABO Hagayya 2, 2023

Murni bilxiginnaa erga qamadii alatti ergina jechuun miidiyaan dubbate ooyiruu qonnaan bultoota gara misooma qamadii fi ruuziitti deebisuun qonna duraan fayyadamaa turan humnaan dhaabsifamuun rakkoof saaxilamaa akka jiran dubbatu.

Qonnaan bultoota Oromiyaa cufa keessa jiraniin ooyiruu keessan qamadii fi ruuzii qotuu qabdu jedhamuun caasaaleen murna bilxiginnaa bakka bulchaa jiranitti dirqamsiisaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis midhaan ittiin maatii isaanii jiraachisan hin qotatin ba’aa jiraachuu dubbatu.

Qonnaan bultootni kunneen waan murni bilxiginnaa siyaasa isaa miidhakfachuuf hojjechaa jiruun, rakkoon beelaa akka itti dhufuu danda’u tilmaamuun, qonni qamadii fi ruuzii haala qilleensaa osoo adda hin baasne humnaan geggeeffamaa jiru kasaaraa malee bu’aa nuuf hin qabu jedhan.

Qonna qamadiin oomisha allatti ergine jedhan kanas, bara oomishaa kana qonnaan bultoota Oromoo Arsii fi Baalee irraa dirqamaan gatii gadi buusanii bitaa turan.

Oomisha qamadiin alattis uummatni dirqiin booyyee akka horsiisu karaa waajjira qonnaa  dirqamsiisaa jiru.

Murni bilxiginnaa oomisha qonnaan midhaan nyaataa irraa hafaa oomishne jedhanis baatii Adoolessa darbee dhimma qamadii kadhachuu irratti pirezidaantii Yuukureen waliin Abiy Ahimed dubbachuu fi impaayerattii keessatti namootni miliyoona 20 ol ta’an gargaarsa kanneen barbaadan ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading