• Sat. Mar 14th, 2026

Naannoo Amaaraa keessatti labsiin yeroo muddamaa murna bilxiginnaan labsame

Aug 5, 2023

ONM-ABO Hagayya 5, 2023

Impaayerri Itoophiyaa erga rakkoo keessoon waxalamuu eegaltee bubbuluun, abiddichi bakka tokkotti yoo dhaame bakka birootti qabachuun lubbuu namootaa fi dinagdee impaayerattii barbadeessaa jira.

Lola naannoo Amaaraa keessatti jabaatee itti fufeee jiru kana irraa sodaa keessa kan gale murni bilxiginnaa naannicha keessatti kaleessa Hagayya 4, 2023 manni maree ministeerotaa labsii yeroo maddamaa akka hojii irra oolu murteessee jira.

Naannoo Amaaraa keessatti lolli humnoota Faannoo fi raayyaa ittisa impaayerattii gidduutti erga geggeeffamuu eegalee kan bubbule yoo ta’u, yeroo ammaa naannicha keessaa bakkoota baay’een Faannoon to’atamuun bilxiginnaa yaaddessee jira.

Aanga’otni bilxiginnaa sadarkaa itti gaafatamaa paartiii bilxiginnaa naannoo Obbo Girmaa Yeshixilaa kaasee kantiibaa hanga hoggana poolisiitti ajjeechaan irratti raawwachaa waan jiruuf, hoggantootni naannichaa fi godinaalee hedduun gara Finfinneetti baqachuun bilxiginnaan labsii kana akka dafee labsu taasise.

Naannoo Amaaraa humna waraanaan bulchuu irratti garaagarteen yaadaa akka Dammaqaa Mokonninii fi Abiy Ahimed gidduu jirutti dubbatamaa kan jiruu fi naannoo Amaaraa ilaalchisuun gareen waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddaseen hogganamu Abiy Ahimed waliin akka hojjetu kan himan maddeen, rakkoon mana bilxiginnaa jiru jabaa ta’uu dabaluun himaniiru.

Abiy Ahimed rakkoon gama Amaaraa keessa jiru jabaachuu irraan kan ka’e jalqaba torbee kanaa waltajjii mootota Afrikaa Raashiyaan qopheessite addaan kutee galuun ni beekama.

Impaayerri kufaa jirtu kun erga Abiy Ahimed aangootti dhufee labsii yeroo muddamaa labsuu fi waraanaa bobbaasuun namoota nagaa ajjeessuu, godaansisuu fi qabeenya mancaasuun dalagaa guyyuu ta’ee jira.

Rakkoo siyaasa impaayera Itoophiyaa keessa jiru afaan qawween furuuf sochiin Abiy Ahimed taasisu bakka kamitti iyyuu furmaata akka hin fidne muuxannoo isaanii irraa hubachuun kan danda’amu yoo ta’u, haala amma jibbiinsa Oromummaa finxaaleeyyiin Amaaraa armaan dura bobaa bilxiginnaa jalatti of ijaaruun har’a jabaatanii as ba’an kanatti Oromoon xiyyeeffannoo kennuun humna isaa jabeeffatee abbaa biyyummaaf qabsaa’uu qaba kan jedhan xiinxaltoota siyaasaa ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading