• Sat. Jan 3rd, 2026

Miseensotni Raayyaa Ittisa Impaayerattii 2 fi milishaan tokko godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo fi Arsii Bahaa aanaa Jajuu irraas loltootni 3 WBOtti makaman

Aug 7, 2023

ONM-ABO Hagayya 7, 2023

Murni bilxiginnaa fedhii yeroo dheeraaf aangoo irra turuu isaa jabeeffachuuf ilmaan Oromoo akka barcuma isaa tiksaniif  humnaan qe’ee isaanii irraa qabuun leenjii waraanummaa kenneefii bobbaasus, ilmaan Oromoo kunneen kaayyoon Abiy Ahimed farra Oromummaa ta’uu hubachuun surnicha keessaa baduu itti fufanii jiru.

Akka kanaanis kaleessa Hagayya 6, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii irraa qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, rasaasa 387, boombii 1 fi hidhannoo 2 fudhatanii WBO bira yoo ga’an, milishaan sirnichaa tokkos qawwee AKM tokko waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makameera.

Torbe darbe Adoolessa 28, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu magaalaa Addis Hiwoot jedhamtu keessaa kutaa waraanaa 86ffaa reejimantii 2ffaa irraa AKM 3 Turkii 2, fi raashiyaa 1, rasaasa 569, boombii F1 4 fi hidhannoo 3 fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.

Ilmaan Oromoo waraanummaan sirna balfamaa bilxiginnaa tajaajilaa turuun WBOtti makaman gocha dabaa armaan dura saba isaanii irratti raawwatanii fi raawwachiisaniif dhiifama gaafachuun, kanaan booda saba isaaniif WBO waliin hanga wareegamaatti akka hojjetan ejjennoo isaanii ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading