• Wed. Nov 25th, 2026

Godina baha Harargee aanota adda addaa keessatti roobni ga’aan dhabamuun qonnaan bulaan yoo rakkatu, Malkaa Bal’ootti ammoo ruuzii kilaasteraan qotaa jechuun rakkisaa jiraachuun barame

Aug 8, 2023

ONM-ABO Hagayya 8, 2023

Baha Oromiyaa godina Harargee bahaa aanota adda addaa keessatti gammoojjummaan babal’achuun roobni waan dhabameef midhaan waqtii arfaasaa faca’e kanneen akka boqqolloo firii osoo hin kennin achumatti goggogaa jiru.

Aanota akka Meettaa, Guraawwaa, Maayyuu Mulluqqee, Gooroo Guutuu, Qarsaa, Gola Odaa fi Baddannoo keessatti roobni waan badeef oomishni uummataa ooyiruu irratti miidhamee jira.

Yeroo waqtii qonnaattis uummanni xaa’oo eeggatee dhabuun akkaataa itti mijaa’een bifa aadaan qotatanis, fayyadamoo hin taane.

Mataan faashistii PP Abiy Ahimed uummanni xaa’oo dhabuun osoo dararamuu fi roobni hanqachuun oomishni badaa osoo jiruu haasaa biyya Xaaliyaaniitti taasiseen qonna qamadiin akka milkaa’aa jiruu fi uummanni oomisha irraa hafaa oomishaa jiraachuu qaanii malee ibsee ture.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa keessatti ruuza kilaasteraan qotaa jechuun lafa qonna dide irratti uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, namoota irraas sababa adda addaa uumuun qarshii  350 funaanaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply