• Tue. Nov 24th, 2026

Ajjeechaa fi hidhaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti jumlaan uummata irratti raawwachaa jiru jabaate

Aug 8, 2023

ONM-ABO Hagayya 8, 2023

Seer-dhablummaa hamaan kan dagaage Impaayera afaan qawween bultu Itoophiyaa keessatti miseensonni paartii bilxiginnaa fedhii dhuunfaa fi siyaasa impaayerichaa uummata fudhachiisuuf dararaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa oolu.

Bulchitoota gandaa irraa eegalee saba Oromoo miidhaa kan jiru murnichi torbee darbe Hagayya 2, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Jimaatee jedhamu keessatti bulchaan gandaa kan maqaan isaa Alamayyoo jedhamu Miseensota isa jala hiriiranii hojjetan dabalachuun mana uummataa deemee buluun halkan keessaa nama maqaan isaa Geetuu Addisuu jedhamu ajjeessuun namoota hedduu irratti reebicha raawwachuun keessaa qabanii mana hidhaatti darbatanii jiru.

Namoota maqaan isaanii Gammachuu Mitikkuu, Abdii Alamaayyoo, Hindhibuu Haasaa, Gammachuu Tasfaa fi Biraanuu Hirphaa kan jedhaman yoo hidhan namoota isaan reebuun miidhaa qaamaa irraan ga’an ammoo Biqilaa Nagaraa, Abbittii Kiibashii, Yoonee Kiibashii ta’uu maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply