• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoota 7 qabuun mana hidhaa galchan

Aug 8, 2023

ONM- ABO Hagayya 8, 2023

Namoota abdii biyyaa fi egeree sabaa ta’an Oromiyaa keessaa balleessee uummata humnaan cafaqee bulchuuf murni bilxiginnaa, namoota sabboonummaa fi dhiibbaan hawaasa nagaa irra maaf ga’a jedhanii gaaffii sirnicha gaafatan hidhee dhabamsiisuun impaayera Itoophiyaa keessatti waanta baratameedha.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa Hagayya 6, 2023 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Tarkaanfataa Misoomaa jedhamu keessatti isin deggertoota WBOti jechuun, dursa bilbila harkaa fuudhanii, namoota 7 mana hidhaa galchanii jiru.

Tuttuqaa siyaasaa tokko malee namoonni hidhaman kunneen maqaan isaanii Abdallaa Mahaammad, Galaan Mahaammad, Jamaal Usmaan, Mahaammad Ibraahim, Abdallaa Usmaa’el, Faamii Amaddiin fi Urgeessaa jedhaman qabuun waajjira poolisii aanaa Cawwaaqaatti hidhuun dararaa akka jiran maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply