ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Oromiyaa keessatti kaabinoonni sirchaa maqaa adda addaa moggaafatanii uummata maallaqa humnaa olii gaafachuun akka uummanni of jibbuu fi biyya irraa godaanu gochaa jiru.
Baha Harargee aanaa Kurfaa Callee gandoota aanicha keessatti argamu keessatti hawaasa gibira humnaa olii gaafachuu fi bokkaan yeroo ammaa waan hin jirreef midhaan karaatti hafee qonnaan bultootni rakkoo hamaaf saxilamaa waan jiraniif biyyaaf biyyoo isaanii irraa hawaasni godaanuuf dirqamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaa namoonni hedduun aanicha keessaa buqqaa’anii jiruu baqaaf saaxilamanii akka jiran kan himan maddeen, osuma har’aa boru foyyaa’a jennuu rakkinichi ittuu daran hammachuu himu.
Rakkoo amma aanaa Kurfaa Callee keessatti rakkoo gibira humnaa olii fi roobni ga’aan dhibuun mudatee jiruun hawaasni aanichaa jiraachuufuu yaaddoo keessa galuu dabaluun maddeen ibsaniiru.



