• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa keessatti uummatni tajaajila fayyaa ga’aa argachuu dhabuun dararamaa jiraachuun barame

Aug 12, 2023

ONM-ABO Hagayya 12, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo   tajaajila garaagaraa irraa kutuun dararuu hammeessee jira Murni waan hawaasni fayyadamu irraa kutuun nama miidhuu akka tooftaa waraanaatti fayyadamu godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa keessatti tajaajila fayyaa uummata irraa kutuun uummata miidhaa jira.

Hospitaala Begii keessaa qoricha hawaasni itti fayyadamu dhabamsiisuunii fi ogeessota fayyaa tajaajila hawaasaaf laatan doorsisuun dhukkubsattootni yaala ga’aa osoo hin argatin akka du’an gochaa jiru.

Aanaa Qondaalaa keessattis hawaasa dhukkuba busaan rakkachaa jiruuf qoricha dhiyeessuu irra dhimmoota siyaasaan namoota ba’aa fi gala dhorkachaa jiraachuun barameera.

Aanota kana lamaan keessatti dhiyeessiin qorichaa xiqqaa ta’uu fi qorichi busaa Ku’aartemii jedhamu, ammoo mana yaalaa mootummaa keessaa baasuun dhuunfaa galchanii maallaqa qaaliin gurguraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading